
Godina Arsii Lixaa Nansabootti kan dhalate dargaggoo Abdiisaa Bancaa Jaarraa, Yunvarsiitii Haramaayaa irraa ogummaa Teeknoolojii odeeffannoo fi qunnamtiitiin (ICT) eebbifame.
Bara 2006 erga dhaabbata ‘oroict.com’ hundeessees hojiiwwan teeknolojiidhaan walqabatan hedduu hojjechaa ture.
Dargaggoo Abdiisaan hojiilee gama kanaan hojjechaa turee fi waan gara fuuladuraatti milkeessuuf hojjechaa jiru irratti BBC waliin turtii taasiseera.{…}