‘Dubbiiwwan Ida’oo Boruu kitaaba kiyyaaf bu’uura guddaa turan’- Barreessaa Darajjee Bahaaruu
29 Ebla 2021, 07:15 EAT

Sanbata Xiqqaa darbe kitaabni mata duree ‘Oromoo fi Finfinnee’ jedhu Darajjee Bahaaruutiin barraa’e Finfinnee Hoteela Skylight tti eebbifameera.
Barreessaan kitaaba kanaa Darajjee Bahaaruu BBC waliin turtiin taasise kunooti.
BBC– Kitaabnikee kuni maalirratti kan xiyyeefatedha?
Darajjee – Kitaabni kuni uutumatti waa’ee Oromoo waa’ee Gosoota Oromoo fi waa’ee Finfinnee irratti xiyyeefata. Kitaabni kuni Fuula 633 qaba. Kitaaba Kanaan waa’ee Oromoo fi waa’ee Finfinnee nan tuqe malee waan barreeffamee dhumu miti.
BBC– kitaaba seenaa kana barreessuuf maddi Odeeffannookee maali?
Darajjee – kitaaba kan abarreessuuf maddeen odeefannoo afurin fayyadame. Inni jalqabaa fi bu’uura kitaaba kiyyaa kan naaf ta’e barreeffama Hayyoonni Oromoo barreessanii fi dubbatani.
Keessumaa kitaaba kiyya kanaaf giddugala kanin godhadhe dubbiiwwan Obbo Ida’oo Boruu yeroo adda addaatti dubbataniidha. Ida’oo Boruu mana kitaabaa socho’aa Oromoo jedhameeti kan beekamu.

Dhimma shaggariin kan walqabatu ammoo maddeen sadarkaa tokkoffaa hedduun fayyadame. Oromoon osoo magaala kana keessaa hin buqqa’in dura xalayaawwan ittiin waa gaggaafachaa turan hedduu argadheera.
Kan biraa ammoo oromoota magaala kana keessaa buqqa’anii dhiibbaan irra gahes akka madda odeeffannootti fayydameera. Kitaaba kanaaf bu’uurri guddaan garuu dubbiiwwan Ida’oo boruu yeroo adda addaatti dubbataniidha.
BBC– Kitaaba kana yeroo barreessitu gufuuleen simuudatan maali?
Darajjee– ani kitaabota Afaan Amaaraatiin barreeffaman nan dubbisa. Hogbarruun Oromoo kunimmoo ganaa ka’umsarra jira. Hojiiwwan Hogbarruu kana jajjabeessuunis hin baratamane. Amma reefu jalqabbiirra jira.
Kitaaba kana ergan barreessee maxxansuudhaaf ija nama baayyeen ilaale. Eebbisiisuufillee haalli jiru rakkoo baayyee keessa darbeeti kan asgahe.
Garuummoo namoonni baayyeen nafaana aarsaa guddaa kanfalanii kitaabni kuni akka uummata bira gahu maallaqaan, hamileedhaan nagargaaran hedduudha. Isaan haa galatooman.
- Obbo Sheekoo Nagawoo fi kitaaba seenaa baqataa Oromoo himu
- “Uummatni Oromoo godaanaa osoo hin taane Saaqaa ta’u isaan beeka”
Bu’aa bahiin keessa darbe hunda kan nadagachiisu ammoo kitaaba kana yaadannoo wellisaa Haacaaluu hundeessaatiif Oolchuu kiyya. Seenaa isaa baayyees kitaabicha keessa galcheera. Kitaabicha yaadannoosaa gochuun koo boqonnaa guddaa naaf kenne.
BBC– waa’ee Oromoo fi Finfinnee kana Oromoo caalaa saboota biraa biratti hubannoon jiru gahaa miti jedhu namoonni. Kitaaba kee kanammoo akkamitti saboota biroo akka hubataniif oolchita?
Darajjee– dhugaa dubbachuuf ani barreeffamoota Afaan Amaaraa nan dubbisa malee barreesuu kana baayyee hin danda’u. garuummoo seenaawwan hedduu Afaan Amaaraatiin dogoggoraan barraa’an hedduu kitaabaa kana keessatti ibsa bal’aa dabalee barreesseera.
Kanaaf humnaa fi dandeettii Afaanii kiyyatu naqabaaf malee kitaabni kuni osoo Afaam Amaaraa qofa miti Afaan Ingiliziittis hiikamee baayyee gaarii taha.
Namootni waan kanarratti nagargaaruu dandahan osoo argamanii gammachuudhaanin simadha.
BBC– Fuula duratti karaa barreessuu Kanaan karoorrikee maal fakkaata?
Darajjee– Fuula duratti karoora laman qaba. Inni jalqabaa seenaawwan waan amma barreesse kanaa gadi jiranirratti barreessuudha. Isaan kuni seenaa, aadaa fi duudhaa aanaalee fi godinaalee Oromiyaa keessa jiru.
Inni lammataa seenaawwan gara olii jiranirrattin barreesuuf karoora qaba. Inni kunimmoo seenaa Oromoo kana olguddistee sadarkaa Kuushitti gumaacha isaa barreessuudha. Qooda sabni Oromoo kuni Afrikaa keessatti qabu seenaasaa olkaasee barreessuufis karooran qaba.
Source: BBC NEWS Afaan Oromoo
You must be logged in to post a comment.